
Waliigaltee hundeessuun walqabatee Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti, utuma hin beekin waliigalteewwan garaagaraa keessatti hirmaanna. Subii irraa kaanee hanga galgalaatti, bittaafi gurgurtaa, kiraa manaafi geejjibaa, akkasumas tajaajiloota biroo yommuu fayyadamnu "waliigaltee" raawwachaa jirra. Garuu, yeroo rakkoon uumamu qofa waa'ee seera waliigaltee dubbisna.Waliigaltee hundeessuu ilaalchisee mee seeneessaa kanaan haa eegallu. Obbo Tolaan mana isaa ijaarsisuuf ijaaraa manaatti (Contractor) wajjiin waliigale. "Mana kana baatii sadii keessatti xumurtee naaf kennuu qabda," jedheen. Ijaaraan sunis "Tole" jedhee mallatteesse. Garuu, baatii sadii booda manni hin xumuramne. Obbo Tolaan miidhameera, ijaaraan immoo "meeshaan gabaa irraa dhabame" jedhee falma. Maallaqni kaffalameera, manni garuu hin ijaaramne. Iddoo kanatti seera waliigaltee beekuun mirga kee kabachiisuuf furtuudha.
⚖️ 1. Waliigaltee Jechuun Maali? Waliigaltee hundeessuuf hoo maaltu guutamuu qaba?
Waliigalteen utubaa daldalaa fi hariiroo hawaasummaati. Akka Seera Hariroo Hawaasaa Kwf. 1675 hiikutti, waliigalteen dirqama gareewwan lama ykn isaa ol gidduutti uumamu yommuu ta'u, inni ammoo ija seeraatiin fudhatama kan argatu dha. Waliigalteen dirqama seeraa gareewwan gidduu jiru uumuu, jijjiiruu ykn dhabamsiisuuf fedhii gareewwaniin kan uumamu dha.Waliigalteen waadaa salphaa miti; inni ija seeraatiin "dirqisiisummaa" qaba. Kana jechuun, gareen tokko waadaa gale yoo cabse, gareen inni kaan mana murtiitti deemee mirga isaa gaafachuu danda'a jechuudha. Hariiroon kun amanamummaa fi qalbii gaarii (good faith) irratti kan hundaa'u yoo ta'u, daldala ammayyaa keessatti wabii guddaa dha.
2. Waliigaltee Hundeessuuf Ulaagaalee murteessaa 4 guutamuu guutamuu qaban (Requirements of a Valid Contract)

Waliigalteen tokko seeraan "ragga'aadha" jedhamee kan fudhatamu gaafa waliigaltee hundeessinu yoo ulaagaalee bu’uuraa SHH Kwf. 1678 jalatti tumaman guute qofadha. Isaan keessaa inni jalqabaa Fedhii Bilisaa fi Guutuu (Consent) dha. Fedhiin kun yaada dhiyaatu (Offer) fi fudhatama (Acceptance) gidduutti uumama. Fedhiin gareewwanii sodaa, dhiibbaa ykn gowwoomsaa irraa qulqulluu ta'uun isaa mirkanaa'uu qaba. Fakkeenyaaf, namni tokko konkolaataa isaa "yoo naaf hin gurgurre miidhaan sirraan gaha" jedhamee sodaachifamee yoo mallatteesse, fedhiin sun bilisa waan hin taaneef waliigaltichi ni diigama.
Ulaagaa lammaffaa ammoo Dandeettii Seeraa (Capacity) dha. Namni waliigaltee galu seeraan dandeettii dhimma sana raawwachuu qabaachuu qaba. Akka qajeeltoo waliigalaatti namni waggaa 18 guute dandeettii qaba jedhamee tilmaamama. Namoonni sammuun isaanii gocha raawwatan hin beekne ykn daa'imman eeggumsa malee waliigaltee gurguddoo galuun mirga isaanii miidhuu waan danda'uuf seerri dandeettii kanaan wal-qabatee eeggannoo guddaa taasisa.Ulaagaa sadaffaan Kaayyoo fi Qabiyyee Seeraa (Legality & Object) dha. Waliigalteen wanta seeraan dhorkame irratti ta'uu hin qabu. Fakkeenyaaf, "meeshaa sammuu hadoochu gurguruuf" ykn "nama miidhuuf" waliigaluun kaayyoon isaa seeraan ala waan ta'eef waliigaltichi jalqabumaa iyyuu gatii hin qabu (Void). Akkasumas, wanti irratti waliigalame hujiirra ooluu kan danda'u ta'uu qaba. "Ji'a dacheetti nan fida" jedhanii waliigaluun waan hin danda'amneef seeraan fudhatama hin qabu.Inni dhumaa uunkaa (Form) waliigalteedhaati. Seerri yoo ajaje malee, waliigalteen afaaniin ta'uu danda'a. Garuu, waliigalteewwan gurguddoo akka bittaa manaafi lafaa barreeffamaan ta'uu fi waajjira Nootaariitti mallatteeffamanii mirkanaa'uu qabu. Ragaaleen (Witnesses) dhimma kana irratti mallatteessuun isaaniis falmii gara fuulduraa hambisuuf baay'ee murteessaadha. kanallee seera HH keewwta 1723 irraa hubachuu dandeenya.
3. Bu'aa Waliigaltee fi Raawwii-Dhaba (Effects and Non-Performance
Waliigalteen erga hundeeffamee booda, gareewwan irratti akka seeraatti dirqisiisummaa ni qabaata (SHH 1731). Kana jechuun waliigalteen sun gareewwan gidduutti akka "seeraatti" ilaalama. Haa ta'u malee, yeroo baay'ee gareen tokko waadaa gale dhiisuu danda'a. Kunis Raawwii-Dhaba (Non-Performance) jedhama. Yeroo kanatti gareen miidhame mirga sadii qaba (SHH 1771). Inni jalqabaa akkaataa waliigalteetti akka naaf raawwatamu (Specific Performance) gaafachuu dha. Inni lammataa ammoo waliigalteen akka naaf haqamu (Cancellation) gaafachuudha. Inni sadaffaan hundi iyyuu yeroo hunda waliin gaafatamu danda'u ammoo beenyaan (Damages) akka naaf kaffalamu gaafachuu dha.Beenyaa ykn haqamiinsa gaafachuu dura, garee waadaa cabseef akeekachiisa barreeffamaa kennuun dirqama seeraati (SHH 1772). Yoo kana gochuu baattan, mirga beenyaa gaafachuu keessan dhabuu dandeessu.
👥 4. Bu'aa Murteessaa Waliigaltee fi Hariiroo Garee Sadaffaa (Third Parties)

Akka qajeeltoo waliigalaatti, waliigalteen gareewwan mallatteessan qofa irratti bu'aa uuma (SHH 1952). Kunis "Privity of Contract" jedhama. Haa ta'u malee, haalota addaa muraasa keessatti gareen 3ffaan mirga argachuu danda'a. Fakkeenyaaf, namoonni lama yoo nama 3ffaa fayyaduuf waliigalan, gareen 3ffaan sun mirga gaafachuu ni qaba.Akkasumas, Mirga Dabarsuu (Assignment of Rights) danda'ama. Abbaan mirgaa hayyama abbaa idaa malee mirga isaa nama 3ffaatti dabarsuu ni danda'a (SHH 1962). Fakkeenyaaf, namni qarshii sirraa qabu tokko qarshii sana nama biraatti akka kaffaltu gochuu danda'a. Garuu, Idaa Dabarsuu (Delegation of Duties) irratti hayyamni abbaa maallaqaa (creditor) barbaachisaadha garuu yoo seeraan yookiin duudhaa hojitiin hayyamame hayama abbaa idaa malees dirqama dabarsuu ni danda'a (SHH 1976).
Mee fakkeenyaaf waliigaltee hariiroo garee sadaffaa ilaalchisee akka fakkeenyatti dhimma qabatamaa kanaan dura MMWF Dh.ijibbataa Lakk.Ga. 12719 (Jildii 7ffaa) irratti murtii kenname haa ilaallu kunis gabaabinaan Waldaa Bakka Bu’aa Geejibaafi Tuuristii Luukseri fi Waldaa Biruuneyis gidduutti walligaltee uumamee ture, waliigalteen jalqabaa erga raawwatamee booda xalayaa dabalataatiin waamamaan (Biruuneyis) jedhamu idaa isaa haguuguuf autoobisoota shan iyyataa yookiin garee sadaffaaf (Luukseriif) akka kennu xalayaa ibsu qopheessee erge. Waamamaan "iyyataan garee waliigaltee waan hin turreef mirga hin qabu" jedhee mormus, Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga. 12719 (Jildii 7ffaa) irratti murtii kenneen, xalayaan sun waliigaltee dabalataa faayidaa garee sadaffaatiif (iyyataaf) jedhamee uumame ta'uu isaa mirkaneesseera.
Dhaddachi Ijibbaataa murtii isaa kana kan hundeesse Seera Hariiroo Hawaasaa (SHH) Keewwata 1952(1), 1957 fi 1684 irratti hundaa'eeti. Akka seera kanaatti, iyyataan sanadicha irratti mallatteessuu baatus, namni waliigaltee bu'uuraa qabu tokko waliigaltee boodarraa callisuudhaaniyyuu mirga isaa fudhachuu akka danda'u hubachiiseera. Dhimmi kun daldaltootaa fi namoota dhuunfaatiif barumsa guddaa qaba; xalayaan ykn barreeffamni bifa kamiinuu garee lamaan gidduutti mallatteeffamee faayidaa nama birootiif yaadame hundi akka waliigaltee seera qabeessaatti fudhatama. Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhuma irratti akka murteessetti, waliigalteen haaraa uumame sun kan duraanii bakka bu'ee kan haqu osoo hin taane, mirga iyyataaf uumame kan mirkaneessu dha. Kanaafuu, waamamaan dirqama autoobisoota sana iyyata harkaan gahuu ykn doolaara Amerikaa 452,338 fi dhala seeraa kaffaluu akka qabu murteessee jira.
Sababoota Waliigalteen Itti Diigamu maali? Xiinxala Seeraa fi Fakkeenya Qabatamaa:

Waliigalteen erga seeraan hundeeffamee booda gareewwan gidduutti akka seeraatti fudhatama qabaatus, haalota muraasa seerri hayyamuun diigamuun isaa waan hin oolle dha. Waliigalteen tokko akka diigamu ta'uun isaa, hariiroon seeraa gareewwan gidduu jiru akka badu ykn gara haala duraatti akka deebiu taasisa. Seerri Hariroo Hawaasaa keenya keeyyata 1696 jalatti akka tumetti, waliigalteen tokko yoo dogoggoraan, gocha afaan-fajjessuutiin (fraud), ykn dhiibbaa fi humnaan (duress) raawwatame ija seeraatiin diigamuu danda’a. Kunis kan ta'uuf, waliigalteen hundeeffama isaa irratti fedhii guutuu fi bilisa ta'e irratti hundaa'uu waan qabuufi. Haalota kanaan gadiitti sababoota gurguddoo waliigaltee diigsisan dhimmoota qabatamaan deeggarree bal’inaan xiinxalla.
⚖️ 1. Hanqina Fedhii fi Diigamiinsa Waliigaltee
Waliigalteen erga hundaa'ee sababni guddaan waliigalteen itti diigamu "Hanqina Fedhii" uumamuu dha. Fedhiin guutuun jiraachuu isaaf ulaagaaleen akka hubannoo gahaa fi dhiibbaa malee ta’uu jiraachuu qabu. Yoo namni tokko utuu hin beekin dogoggoraan waliigaltee gale, ykn gareen biraa sobaan isa gowwoomse, seerri waliigalticha ni diiga. Fakkeenyaaf, dhimma tokko yoo ilaallu, Obbo Kabbadaan fi Obbo Gammadaan guyyaa dhiyeessii midhaanii irratti wal-hubachuu dhabuun (dogoggora uumamuun) waliigaltee isaanii irratti wal-dhabdee uumee ture. Dogoggorri dhimma bu’uuraa fi murteessaa ta’e irratti uumamu, gareen sun utuu dhugaa beekee waliigaltee sana hin mallatteessu ture yoo ta'e, sababa diigamiinsaa ta'a.
🕵️ 2. Gowwoomsaa (Fraud) fi Afaan-fajjii
Gowwoomsaan sababa biroo waliigaltee diigsiisu dha. Akka SHH keeyyata 1704 jalatti tumametti, gochi afaan-fajjessaa ykn dabni garee tokko irratti raawwatamee, gareen sun ammoo gowwoomfamee waliigaltee sana kan hundeesse yoo ta'e, waliigaltichi ni diigama. Gowwoomsaan kun yeroo baay'ee dhimma dhugaa jiru dhoksuu ykn soba akka dhugaatti dhiyeessuu of keessatti qabata. Gareen miidhame sun gowwoomsaa kanaan kiyyootti galuun isaa yoo mirkanaa'e, mirga waliigaltee sana diigsisuun gara haala duraatti deebi'uu ni qabaata. Kunis amanamummaa daldalaa mirkaneessuuf seerri gargaarsa inni godhuudha.
💪 3. Dirqisiisuu fi Sodaa (Duress)
Dirqisiisuun namni tokko fedhii isaa malee akka waliigaltee seenu gochuu dha. Akka SHH keeyyata 1706 jalatti ibsametti, waliigalteen sababa dirqamaan ykn sodaachisuudhaan raawwatame diigamuu danda'a. Dirqisiisuun kun lubbuu, qabeenya, kabaja ykn qaama garee waliigaltee sanaa irratti balaa geessisuun sodaachisuu ta’uu danda’a. Akkasumas, dirqisiisichi garee waliigaltee sana gale qofa irratti utuu hin taane, maatii dhiyoo akka abbaa, haadha ykn ijoollee irratti yoo ta’es waliigaltichi gatii dhabee ni diigama. Sodaan uumame sun gareen sun waliigaltee sana akka mallatteessu kan dirqisiise ta'uun isaa ija seeraatiin yoo amanamu mirgi diigamiinsaa ni kennama.
4. Xiinxala Dhimma Qabatamaa: Obbo Beekaa fi Aadde Aster
Mee dhimma dhiheenya kana Magaalaa Moojoo keessatti uumamee fi falmii maatii Beekaa Gammachuufaa fi Asteer Gammachuufaa gidduutti ka’e haa akka fakkeenyatti haa ilaallu, dhimmi kun hiika seeraa ballaa kan qabuu fi dandeettii murteessuu gareewwan waliigaltee irratti hubannoo bal’aa kenna. Falmiin kun kan jalqabame, himatamtuun mana abbaa himattootaa bal’inni isaa kaaree meetira 561 ta’e, waliigaltee gurgurtaa sobaa dhaaltota keessaa baasuuf bitadhe jechuu ishee irra ka'e. Hata’u malee, dhugaan jiru abbaan isaanii yeroo waliigaltichi raawwatame jedhametti dhukkuba tiruu hamaan qabamee hospitaala deddeebi’aa kan turee fi dandeettii waa xiinxaluu kan dhabe ta’uu isaa ragaan mirkanaayee jira.
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaa gabaasa Hospitaala Paawuloos irraa dhiyaateen, dhukkubni tiruu sadarkaa tokkoffaa irratti argamu jeequmsa sammuu fi miiraa fiduun dandeettii waa murteessuu namaa irratti dhiibbaa guddaa akka qabu mirkaneesseera. Bu’uura kanaan, waliigalteen sun sababa hanqina fedhiitiin (vitiated consent) akka diigamu murteesse. dabalataanis Manni Murtii Waliigala Oromiyaa (MMWO) dhaddacha dhaabii bahaa Lakk.Ga. 317334 irratti kenneen, du’aan yeroo sanatti maallaqa lakkaa’ee fudhachuuf dandeettii akka hin qabnee fi himatamtuun madda maallaqa ittiin bite jedhamu sanaa amansiisaatti mirkaneessuu dhabuu isheetiin, dhaaltonni qarshii deebisuuf akka hin dirqamne murtaa’eera. Kunis kan agarsiisu, waliigalteen fedhii bilisaa irratti hin hundoofne kamiyyuu bu’uura seeraa akka hin qabne dha.
Goolaba: Xumura fi Hubannoo Waliigalaa
Walumaagalatti, Waliigaltee seeraan danda'amu uumuun, mirga qabeenya keetii kabachiisuu qofa osoo hin taane, amanamummaa hariiroo daldalaa fi hawaasummaa keetiif bu'uura cimaa dha. Waliigalteen bifa sirriin qophaa'e tokko rakkoolee seeraa gara fuulduraatti mudachuu danda'an hir'isuun, nagaa fi tasgabbii sammuu siif kenna. Waliigalteen hoggaa hundaa'u ulaagaalee seeraa hordofuun dhimma dursa kennamuufii qabuudha.
Odeeffannoo Dabalataaf
Barreeffamoota keenya kanneen biroos dubbisuun dandeettii fi hubannoo kee gabbifadhu:Mirga Abbaa Warraa fi Haadha Warraa: Waa'ee qabeenya waloo fi kaartaa manaa irratti beekumsa qabaachuuf barruu keenya [Jaarsaa fi Jaartiin Kaartaa Manaa] jedhu dubbisaa.
Gorsa Seeraa akkanaa argachuuf Karaa Telegraama keenyaa: [Nazif Law Consultancy] jedhuun nu quunnamuu dandeessu.
